Magaalaa Adaamaatti sagantaan Ispoortii sochii qaamaa adeemsifame

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC) –Qopheessumaa Koomiishinii Ispoortii Naannoo Oromiyaa fi bulchiinsa magaalaa Adaamaatiin sagantaan sochii qaamaa magaalaa Adaamaatti taasifameera.
Sadarkaa naannoo Oromiyaatti sochii qaamaa marsaa 4ffaaf magaalaa Adaamaatti taasifame kana irratti sadarkaa fedaraalaa fi naannoo irraa keessummoonni argamaniiru.
Sochii ispoortii kana irratti kan argaman sadarkaa itti aanaa pirezedaantiitti qindeessaan kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan, sochiin qaamaa akkasii guutummaa naannoo Oromjyaatti aadaa hanga ta’utti mootummaan naannichaa hojii walirraa hin cinne ni hojjata jedhaniiru.
Ispoorteessitoota ciccimoo horachuudhaafis Waldaa Atileetoota Oromiyaa waliin ta’uun godinaalee hunda keessatti dorgommiin figichaa akka adeemsifamuuf qophiin xumuramaa jiraa jedhaniiru.
Ummanni dhibewwan daddarboo hin taane babal’achaa akka jiran hubachuun bakka jirutti sochii qaamaa idileessuu aadaa isaa godhachuu akka qabuus dhaamaniiru.
Koomiishinarri Koomiishinii Oromiyaa obbo Naasir gama isaanitiin, baatiiwwan 3n dhufanitti godinaalee hunda keessatti sagantaan sochii qaamaa akka qophaahu ni taasifama jedhaniiru.
Caasaaleen koomiishinichaa sadarkaa sadarkaan jiranis dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuun sochiin qaamaa aadaa akka ta’uuf akka hojjetanis waamicha dabarsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment