Magaalaa Adaamaatti namni dhuunfaan sanadoota sobaa qopheessaa ture to’atame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti namni dhuunfaan sanadoota sobaa garaagaraa qopheessurratti bobba’ee hojjetaa ture to’atamuu Waajjirri Poolisii godina Shawaa Bahaa beeksiise.

Sakkattoo tasaa magaalaa Adaamaa ganda 10tti gaggeeffameen namni dhuunfaan kun to’annoo jala ooluu Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaatti itti gaafatamaan Kominiikeeshinii fi Miidiyaa Komaandar Aschaalaw Alamuu ibsaniiru.

Sanadoota sobaa hedduu fi maashinoota maxxansaa waliin to’annoo jala ooluu ibsaniiru.

Sanadoonni sobaa ragaa barnootaa kutaa 6ffaa hanga Digirii jiruu fi eeyyamni konkolaachisaa qophaa’an argamuu eeraniiru.

Waraqaan eenyummaa sobaa qaamolee saamicha garaagaraarratti bobba’aniif qophaa’ee fi sanadoonni biroo hedduun argamuu Komaandar Aschaalaw ibsaniiru.

Dabataan sanadoonni lafaa fi lakkoofsa kaartaa lafaa, xaalayaan bakka bu’iinsaa, deeggarsaa, ragaan dhalootaa fi du’aa, Liibreewwan konkolaattootaa fi kanneen biroo baay’iin shakkamaa kana waliin to’atamuu himaniiru.

Maddi:- TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment