Magaalaa Adaamaatti manneen murtii Aadaa 25 ijaarsi isaanii xumurame eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Gaaddisni Manneen Murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaa 19 fi Oldabarfataa 6 ijaaraman eebbifamuun tajaajila eegalan.

Manneen murtii kunneen Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gazzaalii Abbaasimal Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu fi hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa bakka argamanitti eebbifamaniiru.

Faxxanee Zawdee fi Kominikeeshinii magaalaa Adaamaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment