Magaalaa Adaamaatti Manneen Kuusaa seeraan alaarratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti Manneen Kuusaa fichiistootaa fi Daldaltoota Jumlaa irratti tarkaanfiin fudhatmuu ibsameera.
Magaalaa Adaamaatti manneen kuusaa fichisiistotaa seeraa alaa 10 fi manneen kuusaa Daldaalota Jumllaa 25 saamsamuu fi 23 keessatti ammoo zayitiin nyaataa litirri kumni dhibbi 700,000 to’atamuun ibsameera.
Mootummaan daldaltoota sababa malee karaa seeraa alaa zayitii nyaataa fi meeshaalee ijaarsaarratti gatii dabalan irratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu isaa Biiroon Daldala Oromiyaa beeksise.
Mootummaan qala’iinsa gabaa nam-tocheen uumaman adda baasuun gatii gabaa tasgabbessuun cinatti kanneen gatii dabaluun ummata mufachiisan irratti tarkaanfilee garaa garaa fudhachaa eeggaluu Itti Aanaa hogganaan Biiroo Daldala Oromiyaa obbo Warquu Caalaa ibsaniiru.
Haaluma kanaan Magaalaa Adaamaatti sakatta’insa manneen kuusaa irratti gaggeefameen manneen kuusaa 25 kan saamasaman yoo ta’u, hanga oduun kun qindaa’etti ragaa adda ba’een magaalaa Adaamaatti mana kuusaa 23 keessatti zayitiin nyaataa lit.700,000 argameera.
Magaalichatti tarkaanfii guyyaa har’aa fudhatame irraa ka’ee zayitiin nyaataa dhangala’aan abbaan lit.5 qarshii 600-650 tti ummataatti akka gurguramu ta’eera.
Magaalota biroo keessattis hojiin kun kan eegalame yoo ta’u, daldaltoota seeraa alaarratti tarkaanfiin cimaa fudhatamuun kan itti fufu ta’uu obbo Warquun kaasuu ragaa nBDhKMNO irraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment