Magaalaa Adaamaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi balaalleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi Shanee dhaadannoowwan garaagaraan gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Hiriirri kun guyyaa ha’aa Dhaadannoowwan Wayyaaneen Diina Itoophiyaanota Hundaati!,

Wayyaanee Dhabamsiisuun Wabii Hiree Ummata Itoophiyaa Mirkaneessuudha!, Hin Irraanfadhu; Wayyaaneen Diina Qeerroofi Qarree Oromooti!, Nan Duula; Birmadummaa Itoophiyaa Nan Kabachiisa!, Awwaala Gantootaarratti Badhaadhina Itoophiyaa ni Mirkaneessina!, Raayyaa Ittisa Biyyaafi Humna Nageenyaa Keenya Deeggaruuf Wanti Qusannu hin Jiru!,Aggaammii Diinota Keessaafi Alaa Tokkummaan ni Qolanna!,

Gaachanni Sirnaa Wabii Birmadummaa Biyyaati!, Gochoota Gara-jabinaa Wayyaaneefi Shanee ni Balaaleffanna!, Maqaa Gargaarsa Namoomaatiin Birmadummaa Biyyaa Dabarsinee hin Kenninu!,Harka Tokkoon Hojii Misoomaaf, Harka Kaaniin Diina Dhabamsiisuuf Nan Hojjedha!, Lukkuu Hanga Lubbuutti Raayyaa Ittisaa ni Deeggarra!, Osoo Ani  Jiruu Wayyaaneen Lamuu Gateettii Ummataatti Ol hin Deebitu! jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment