Magaalaa Adaamaatti, Giddugalli leenjii fi Qorannoo dhibee Busaa eebbifame

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa, Magaalaa Adaamaatti Giddugala Leenjii Qorannoo dhibee Busaa baasii Birrii miiliyoona 60 oliin ijaarsise eebbisiisuun hojii eegalchiiseera.
Ityoophiyaatti dhibeen busaa miidhaa lammiileerraan ga’u hir’isuuf sadarkaa idil addunyaatti sagantaa dhibee busaa ittisuu irratti hojiileen milkaa’ina qaban hojjetamuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.
Daayrektarri Inistiityuutii Qorannoo Armaawaraa Hansan Proofeesar Afawarqi Kaasuu gama isaaniin, giddugalichi qorannoo dhibee busaa, qo’annoo fi qorannoo akkasumas tajaajila leenjii kan kennu jedhan.
Sagantaa kanaan Hoggaanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa, qorannoo fi leenjii malee dhibee busaa balleessuun sababa hin danda’amneef tumsa hundaa barbaada jechuu isaanii DhPI gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment