Magaalaa Adaamaatti dhiyeessii fi hanqinni meeshaalee bu’uuraa jiraachuu jiraattonni magaalichaa himan

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Magaalaa Adaamaatti dhiyeessii fi hanqinni meeshaalee bu’uuraa jiraachuu jiraattonni magaalichaa himaniiru.

Magaalichatti dhiyeessii fi rakkoon haqummaa raabsaa meeshaalee bu’uuraa jiraachuu jiraattonni magaalichaa FBCtti himaniiru.

Jiraattonni kunneen gara waldaa shamattootaa irra deddeebiin deemaniis zayinnii fi sukkarri akka hin jirre himu.

Kanaanis zayita leetira 5 Birrii kuma 1 fi 150 bituuf dirqamaa jiraachuu jiraattonni ni dubbatu.

Komii dhiyeessii fi raabsaa meeshaalee bu’uuraaleetin ka’uuf waajjirri Daldalaa magaalaa Adaamaa sababoota adda addaa ni kaasaa.

Sababoota kanneen keessaas daballii gatii akka biyyaatti muudatanii fi rakkoo dhiyeessi zayitaa fi sukkaraati.

Rakkicha furuufis daldaltootaa fi mana kuusaarratti sakattoo taasifameen seeraan ala kuufamanii kan turan zaayinni liitirri kumni dhibbi 8 kumni 55 hawaasaaf raabsamuu ibsameera.

Daldaltoota gocha kana raawwatan irratti tarkaanfii fudhatamus eerameera.

Afawarq Iyyaayuutu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment