Magaalaa Adaamaatti baatiiwwan 4 darbanitti galii Birrii biiliyoonni 2.2 walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015(FBC)- Magaalaa Adaamaatti baatiiwwan 4 darbanitti galii Birrii biiliyoonni 2.2 walitti qabamuu ibsameera.

Bara baajataa kanatti misooma hawaasummaafi diinagdee magaalichaa guutummaan guutuutti dandeettii magaalichaan haguuguuf galii Birrii biiliyoona 5.2 walitti qabuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu hogganaan Waajjira Galiiwwanii magaalichaa obbo Balaachoo Asaffaan ibsaniiru.

Haaluma kanaan baatiiwwan arfan darbanitti galii idlieefi tajaajila mana qopheessaarraa galii Birrii biiliyoonni 2.2 ol walitti qabamuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Galiin walitti qabame kun kan bara darbee yeroo walfakkaataan walbira qabamee wayita ilaalamu caalmaa Birrii biiliyoona 1 qabaachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment