Magaalaa Adaamaatti ayyaana Qillee sababeeffachuun egzibiishinii fi agarsiisni daldalaa baname

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Magaalaa Adaamaatti ayyaana Qillee sababeeffachuun egzibiishinii fi agarsiisni daldalaa Qopheessummaa Federeeshiinii Dubartoota Naannoo Oromiyaatiin banameera.

Egzibiishinii fi agarsiisni daldalaa kun mata duree ‘deeggarsa dubartoota guddina  biyyaaf’ jedhuun magaalaa Adaamaatti banameera.

Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti diinagdee utubuun dirqama waan ta’eef dubartoonni gahee isaanii ba’achuu akka qaban Preezdaantiin Federeeshiinii Dubartoota Naannoo Oromiyaa Aadde Askaalee Lammaa himaniiru.

Agarsiisni daldalaa kun caalmaatti fayyadamummaa dubartoota guddisuuf baazarichi banameera jedhan.

Miniseensi koree hoji raawwachiiftuu Federeeshinii Dubartoota Oromiyaa fi Ministir deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii aadde Warqinash Birruu saganticharratti argamuun haasa taasisiin, Diina biyya keenya miidhuuf kallattii maraan socho’aa jiru injifachuu kan dandeenyu hojiiwwan hawaasa fayyadaan yoo hojjennadha jedhaniiru.

Jiraattoonni magaalaa Adaamaas carrichatti akka fayyadamaan dhaamaniiru.

Baazaarichi hanga jala bultii ayyaana Qillee itti fufa jedhameera.

Addis Taammiraatitu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment