Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa ayyaana Iid Al Faxiir sababeeffachuun harka qalleeyyiif uffata adda addaa fi re’oota laateera.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Obbo Hayiluu Jaldee, hawaasni magaalaa keenyaa ayyaana kana yoo kabaju harka qalleeyyiin rakkinaan akka hin dabarsineef aadaa walgargaarsaa qabu cimsuun walcinaa dhaabachuu akka qabu dhaamaniiru.
Gama biraatiin tatamsa’inni dhibee covid-19 garmalee dabalaa waan jiruuf ofeeggannoo barbaachisu akka taasisan hubachiisusaanii ragaan Waajjira Komiikeeshinii magaalaa Adaamaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.