Magaalaa Aarbaa Mincitti baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 35 to’atame

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Magaalaa Aarbaa Mincitti baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 35 ol to’atamuu poolisiin beeksise.

Baalli sammuu namaa hadoochu kun konkolaataan daddarbaa otuu jiruu to’atamuu ajajaan poolisii magaalaa Aarbaa Miinci Koomaandar Daani’eel Araggaan himaniiru.

Baalli sammuu namaa hadoochu to’atame kun qaama dhimmisaa ilaallatuun guyyaa har’aa akka gubate ragaan Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Magaalaa Aarbaa Mincirra argame ni muldhisa.

Baalichi miidhaan dargaggootaa fi hawaasarraan ga’u olaanaa ta’uun lammiin hunduu gocha akka kanaa ittisuuf ga’eesaa ba’achuu akka qabu waamichi dhiyaatera.

Comments (0)
Add Comment