Finfinnee, Mudde 3, 2017 (FMC) – Daayrekarri Olaanaan Mana Barumsa Biyyaalessa Afrikaa Kibbaa Buusaanii Nigkaaweeniin waa’ee magaalaa Guddaa Afrikaa Finfinnee Deeyilii Maaviikiin barreessera.
Finfinneen magaalaa akka Darbaan, Luwaandaa, Moombaasaa fi Kinshaasaa guddina agariisaa jirtu ta’uu ibsan.
Magaalaa Finfinnee ajaa’ibsiifachuun ala wanti jedhan kan biroo akka hin jirre daayrektarri kun barreesseera.
Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee hanga Waajjira Kaantibaatti afuurri kaayyoo fi sirni cimaan ni mul’ata jechuun ibse.
Miidhagina Daandii lafoo, saayikiilii, Ibsaa Tiraafikaa fi Addabaabayiwwan dinqisiifachuun barreesseera.
Mallattoo haaraa, teessoo Gamtaa Afrikaa fi Ejansiiwwan Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii kan taate Finfinnee magaalaa ol jechuun himeera.
Magaalaa Ummata hammataa, jaalalaa fi gaaragarummaa miidhagina taasisuun jiraatuun kan faayamte ta’uu kaaseera.
Biiftuun Daandii Finfinneetti bahuun Afrikaa hundaaf boru fooyya’aa ta’e labsiti, Daandii Aspaaltii qulqulluu, ibsaa daandii hawwataa, Muukkeen miidhagoo daandii cinaa, sosochii tiraafikaa boqonnaa hin qabne, Ummata gara laafessaa fi abdiin ishee magaalattii qofa irratti kan daangeffamne ta’uu Buusaanii Nigkaaweeniin barreeffama isaan ibseera.
#Oromia #Ethiopia