Madrak yaa’ii waliigalaa 16ffaasaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Madrak yaa’ii waliigalaa 16ffaasaa gaggeessaa jira.
 
Tokkummaan Demokraatawa Federaalawaa Itoophiyaa Madrak yaa’ii waligalaa 16ffaa isaa Finfinneetti gaggeessaa jira.
 
Yaa’icharratti hoggansi paartichaa Proofeesar Mararaa Guddinaa fi Proofeesar Bayyanaa Pheexroos dabalatee kanneen biroo, miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa argamaniiru.
 
Dura taa’aan Madrak Proofeesar Mararaa Guddinaan filannoo biyyoolessaa baranaa amanamaa, naga qabeessa, haqa qabeessaa fi demokraatawa taasisuuf hunduu ga’eesaa ba’achuu qaba jedhaniiru.
 
Itoophiyaa daandii qaxxaamuraarra jirtu utubuun, biyya haaromtee hundaaf taatu ijaaruuf paartichi hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
 
Yaa’ichaan qabo yaa’iin 15ffaa ragga’eera.
Comments (0)
Add Comment