Maddi Anniisaa Raphii humna guutuun anniisaa maddisisuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Buufanni Madda Anniisaa Balfa Goggogaa Raphii humna guutuun anniisaa maddisiisuu eegale.

Buufatichi baatii Amajjii bara 2014 eegalee tarbaayinii maddisiisaa humnaa buufatichaarratti miidhaa qaqqabeen waggaa tokkoo oliif hojiin anniisaa maddisuu isaa addaan cite turuun ibsameera.

Tarbaanichi suphamee gara hojiitti galchuuf hanqinni meeshaalee jijjiirraa mudatee turuun eeraniiru.

Hoji gaggeessaan buufatichaa Biruuk Eebbaa akka ibsanitti, buufatichi baatiiwwan lama keessatti suphamuun Fulbaana 28, 2016 eegalee guutummaatti annisaa maddisiisuu eegaleerra.

Buufatichi annisaa elektirikii maddisisuu cinaatti Magaalaa Finfinnee keessaa guyyatti giddugaleessaan balfa toonii kuma 2 fi 500 walitti qabuun, balfa toonnii kuma 1 fi 280 akka gubamu taasisaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

Buufannii Annisaa Balfa Goggogaa Raphii Birrii biiliyoona 2.6’n bara 2011 sadarkaa yaaliin anniisaa maddisiisuu eegaluun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment