Machaal hundeeffama isaa waggaa 80ffaa qophiilee garaagaraan kabajaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC) – Kilabni Ispoortii Machaal hundeeffama isaa waggaa 80ffaa qophiilee garaagaraan kabajaa jira.

Guyyaa hundeeffama isaa waggaa 80ffaa mata duree ‘Machaal Itiyoophiyaaf’ jedhuun kabajaa jira.

Guyyicha sababeeffachuun Dilbata dhufu fiigichi daandirraa meetira kuma 10 ni gaggeeffama jedhame.

Kaayyoon fiigichichaa gumaacha kilabichi waggootaan 80 darbaniif Itiyoophiyaaf taasiiseef beekamtii kennuun kilabicha jajjabeessuuf ta’uu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment