Maaynaamaaritti Fonqolchi mootummaa gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Humni Waraanaa Maaynaamaar folqolcha gaggeessuun hoggantuu biyyattii Uung Saan Suu Chii to’annoo jala oolche.
Humni Waraanichaa Uung Saan Suu Chii dabalataan aangoota biyyaatti hedduu to’annoo jala oolchuun aangoo biyyattii qabateera.
Humni Waraanaa erga aangoo qabatee booda TV irratti ibsa kenneen labsiin yeroo ariifachiisaa waggaa tokkoof labsamuu ibseera.
Filannoo Sadaasa darbe biyyattii keessatti gaggeeffamerratti atakaaroon humna waraanaa fi caasaalee bulchiinsaa mootummaa gidduu ture dhumarratti fonqolchi mootummaa haala kanaan akka raawwatuuf ka’umsa ijoo ta’uu ibsameera.
Maqaa Barmaa jedhamuunis kan beekamtu Maaynaanmaar hanga rifoormiin diimookiraasii bara 2011 biyyattii keessatti eegalutti humna waraanaan bulaa turte.
Aangoon biyyattii yeroo ammaa hooggana waraanaa olaanaa biyyattii kan ta’an Min Aung Hlaing’tti dabarfamee kennamuu himameera.
Yeroo ammaa daandiin magaalaa Nay Pyi Taw akkasumas Magaalaan ijoon biyyattii Yangon humnoota waraanaan guutamaniiru.
Sadaasa darbe paartiin Suu Kyi’ ‘National League for Democracy (NLD)’ jedhamu teessoo mootummaa hundeessuuf isa barbaachisu argachuu ibsee ture, humni waraanaa bu’aan filannoo waliin dhahameera jechuun komii achirraa eegale.
Fonqolchi mootummaa humnoota waraanaa biyyattiin raawwatame heera biyyattii kan humna waraanaa mataasaaniin waggaa kurna caalu dura baafame kan faallessuudha jedhameera.
Qondaalota siyaasaa gameeyyii akka Suu Kiy hidhuun dubbii hammeessuu danda’a jechuun fonqolchichi qeeqqamaa jira.
Saan Suu Chii intala nama abbaa bilisummaa Barmaa jedhamuun beekaman Jeneraal Ong Saan yoo taatu, bara 1991 badhaasa Noobeelii Nageenyaa mo’attee turte.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment