Maayikroosoof waggoottan 27 booda Appilikeeshinii “Intarneet Eksipoloorar” tajaajila isaa keessaa baase

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Maayikroosoof waggoottan 27 booda Appilikeeshinii “Intarneet Eksipoloorar” jehamu tajaajila isaa keessaa baasuu beeksise.

Yeroo ammaa appilikeeshinoonni kanneen akka Googil Kiroom, Appil Saafaarii fi Mooziilaa Faayar Foox gabaa addunyaarratti fudhatamummaa guddaa kan qaban ta’uu gabaasni BBC ni argisiisa.

Amma Amma fayyadamtoonni bilbila ammayyaa, laaptooppii fi deeskitooppii appilikeeshinii Intarneet Eksipiloorarii caala Googil Kiroomii fi Faayar Foox hedduminaan kan fayyadaman ta’uu ogeeyyiin damichaa ni ibsu.

Fayyadamtoota biratti fudhatamummaan appilikeeshinichaa hir’isuun appilikeeshinichi tajaaajila keessaa akka ba’uuf sababa ta’uu eerameera.

Maayikiroosooft waggaa darbe appilikeeshinicha tajaajila isaa keessaa akka baasu beeksisuun isaa ni yaadatama.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment