Maayikaadiraatti lubbuu lammiilee nagaarratti haleellaa raawwatame aangoorraa kan turan bulchaa naannichaa,  caasaalee nageenyaa fi  dargaggoota ‘Saamrii’ jedhamaniin raawwatamu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Maayikaadiraatti lubbuu lammiilee nagaarratti haleellaa raawwatame aangoorraa kan turan bulchaa naannichaa,caasaalee nageenyaa fi  dargaggoota ‘Saamrii’ jedhamaniin raawwatamu Komishiniin Mirgaa Namoomaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Komishinichi kana kan ibsee Sadaasa 5 hanga 9, 2013tti magaalaa Maayikaadiraa akkasumaas Abrihaajaraa, Saanjaa, Daanshaa, Humaraa fi magaalaa Goondar keessaatti qorannaa gaggeessen ta’uu gabaaseera.

Gabaasichan magaalaa Maayikaadiraa Onkolooleessa 30, 2013 wayita sanatti aangoorraa kan turan bulchaa naannichaa, caasaalee nageenyaa fi garee dargaggoota Saamriin haleellaan qaqqabee, ajjeechaa, miidhaa fi barabadeessuu gochii isaanii waliigala gara jabeenyuumman kan guutamee ta’uu ibsameera.

Komishinichi odeeffannoo naannicharraa hanga ammatti argateen yoo xiqqate namoonni 600 kan ajjeeffaman yoo ta’u, lakkoofsi sirriin kanarra caalu danda’a jechuun gabaasa isaarratti eerera.

Gareen dargaggeeyyi ‘Saamrii’ jedhaman yakkaa cimaa kanarratti bobba’anis dhalattoonni naannoo Tigraay garuu namoota nagaa kunneen manasaani, Bataskaanaa fi iddoo qonnaa dhoksuun lubbuusaanii olchuu ragaaleen komiishinichi dubbise mirkaneessaniiru.

Komishinara Olaanaan Koomishinii mirga namooma Ityoophiyaa Dooktar Daani’el Baqqalaa lammiilee miidhaman deebisanii dhaabuun cinaatti namoota kallattinis ta’e al kallattiin yakkaa kanarratti hirmaatan seeratti dhiyeessuun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Comments (0)
Add Comment