Maatii ijoollee 2 balaa lolaan dhabaniif manni jireenyaa fi maallaqni laatame

Finfinnee, Qaammee 1, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee naannawaa Hospitaala Amaanu’eelitti Maatii ijoollee lama balaa lolaan dhabaniif Mana jireenyaa fi Birrii kuma 150 gumaache.
Maatii kanaaf manni jireenyaa abbaan ciisicha lamaa laatameera.
Itti aanaan Kantibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Zhaanxiraar Abbay bulchiinsi magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa waliin ta’uu kenna kana laachuu ibsuun, barri haaraan bara jajjabinaan akka ta’uuf hawwaniiru.
Haatii daa’ima kanneenis gumaacha Mana Jireenyaa fi Maallaqa bulchiinsi magaalichaa laateef galateeffachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii kutaa magalaa Addis Katamaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment