Maaster Pilaaniin Geejjibaa fi Loojistiksii Biyyaalessaa ifoome

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Waggootaan 30’n dhufan hojiirra kan oolu Master Pilaaniin Geejjibaa fi Loojistiksii Biyyaalessaa har’a ifoomeera.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Daagimaawwit Mogos, damee geejjibaa ammayyeessuuf, diinagdee biyyaa guddisuuf yaadamee kan qoratame ta’uu ibsaniiru.

Maastar pilaanichi, hirmaannaa damee dhunfaa kan guddisuudhas jedhan.

Geejjiba kutaalee biyyattii hundaatti waliingahuun dameen qonnaa, maanufaakchariingii, albuudaa fi tuuriizimii akka guddatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Maastar pilaaniin geejjibaa qindaa’aa ifoome kun waliin gahiinsaa fi qulqullina daandii kan guddisu ta’uun ibsameera.

Maaster pilaanii geejjibaa fi loojistiksii kanaan bu’uuraalee misoomaa geejjiba galaanaa fi qilleensaaf xiyyeeffannaan addaa akka kennamu ibsameera.

Adaanech Abbabaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment