Maashinni qorannoo samuudaa dhiigaa fi akaakuu dhiigaa adda baasu eebbifame

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Maashinni Ammayyaa qorannoo samuudaa dhiigaa fi akaakuu dhiigaa adda baasu eebbifammeera.
Maashinni kun bakka Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi Daayreektarri olaanaan Baankii Dhiigaa Biyyaalessaa obbo Yaaragaan Bantee argamanitti eebbifameera.
Eebbifamuun Maashina kanaa tajaajila Dhiigaa ammayyaa, qulqullinaa fi si’ataa ta’e laachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera.
Akkasumas gumaacha dhiigaa, bulchiinsaa fi fayyadama dhiigaa qulqullina qabu taasiisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhameera.
Samuudhaa gosoota dhiigaa 200 ol qorachuu fi adda baasuu danda’a jedhame.
Finfinnee dabalatee magaaloota naannolee kanneen akka Adaamaa, Bahaar Daar, Hawaasaa fi Jigjigaatti maashinoota dhaabbatan Dameewwan Baankii Dhiigaa 24 qindeessuun tajaajila kan laatu ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment