‘Maariyyeen Jaldeessaa’ Itiyoophiyaa akka hinseenne hojjetamaa jira-Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 16, 2016 (FBC)- Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa Itiyoophiyaa akka hinseenne hojiin dursanii ittisuu hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsa kennaniin, dhibeen Maariyyee Jaldeessaa soda fayyaa hawaasaa ta’uu Dhaabbata Fayyaa Addunyaan labsamuu eeranii, dhibichi Itiyoophiyaa akka hinseenneef hojiin ittisuu duraa hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan, naannawaalee daangaatti hojii sakatta’uu, adda baasuu, qorannoo dhibechaa taasisuuf dandeettii laabiraatoorii cimsuu akkasumas ga’umsa ogeeyyii cimsuu fa’aan hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Hanga ammaatti Itiyoophiyaa keessaa dhibee Maariyyee Jaldeessaan namni qabame akka hinjirre eeruun, biyyoota Afrika 13tti garuu mul’achuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment