Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC) – Maappiin barnootaa haaraan hanqinoota jiran furuun quqlullina barnootaa kan mirkaneessuu fi barnoota diinagdee waliin walsimsiisuun teeknooloojiin akka ammayyaa’uu gargaara jedhame.
Karoorichi qorannoorratti kan hundaa’e, hanqinoota kana dura turan furuun gaaffii misoomaa biyyattii kan deebisu ta’uu Ministeerri Barnootaa ibseera.
Bara barnootaa xumurame damichaan kallattii hedduun bu’aa jajjabeessan argamuu ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ga’umsa hoggansa sadarkaan jiruu cimsuun murteessaa ta’uu himameera.
Hojii gama barnoota ga’eessootaan hojjetameen ga’eessoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 24 qormaata ga’umsa madaallii darbuu ibsameera.
Bara barnootaa 2013 keessa Barsiisonni kumni dhibbi 3 fi kumni 22 madaallii ga’umsa ogummaa fudhachuu ministeerichi ibseera.
Bara barnootaa xumurame sababa rakkoo nageenyaa gareen shororkeessaa ABUT uumeen barattoonni miiliyoonni 1.4 barnoota ala ta’uu fi manneen barnootaa hedduun barbadaa’uu himeera.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.