Maanguddoota hambaa biyyaa ta’an deeggaruufi kunuunsuun gahee dhaloota har’aati jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti guyyaan Maanguddootaa 21ffaan magaalaa Adaamaatti kabajame.

Manguddoonni har’aa hambaa guddaa dhaloota biruu waan ta’aniif dhaloonni har’aa manguddoota deeggaruufi kunuunsuun hambaa isaanii irraa dhaalan dhaloota boruuf dabarsuu qabu jedhameera.

Guyyaan Manguddootaa kun akka Addunyaatti yeroo 33ffaaf, akka biyyaatti yeroo 32ffaaf, akka Naannoo Oromiyaatti ammoo yeroo 21ffaaf mata duree “Mirga Maanguddootaa Kabajuun; Dhaloota Ceesisuuf” jedhuun Magaalaa Adaamaatti kabajameera.

Sadarkaa itti aanaa Pireezidaantitti qindeessan kilaastera hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluun adeemsa dhalootaa har’aafi boruu giddutti riqicha ta’uun kan walitti dhidhan Manguddoota ta’uu himaniiru.

Manguddoonni nagaaf jaalalli dhaloota gidduu akka jiraatu, nageenyi waaraafi aadaan akka itti fufu taasisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Mootummaa Naannoo Oromiyaas Manguddootaaf dursa kennuun mirgi isaanii eeggamee fayidaa addaas akka argataniif hojii guddaa hojjachaa jiraachu Obbo Abdulhakiim himaniiru.

Manguddoonni ijaarsa biyyaafi nageenya buusuu keessatti gahee olaanoo qabaachuu fi bu’uura araaraafi tokkummaa ta’uu Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Obbo Araarsoo Biqilaan dubbachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment