Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Maanguddoota biyyaaf oolmaa gaarii oolaniif xiyyeeffannoo barbaachisaa, kabaja, deeggarsaafi kunuunsa taasisuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsan.
Guyyoon maanguddootaa Ityoophiyaatti mata duree” Ashaaraan Ityoophiyummaa maanguddootaa imaanaa dhalootaa” jedhuun yeroo 31ffaaf sangantaalee garaagaraan kabajameera.
Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen saganticharratti argamuun haasawaa taasisaniin, mootummaan rakkoolee maanguddootaa furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.
Tattaaffii gama mootummaan jirurra darbee rakkoolee manguddootaa furuuf hundi gahee isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee fi bakka bu’oonni dhaabbilee tola ooltotaa kabaja maanguddootaaf qaban ibsuuf sirna maanguddootaaf miila dhiquu eegalchiisaniiru.
Ijarsa giddugala maanguddootaa biyyaalessaa lafa kaareemeetira kuma 6fi 418 kutaa magaalaa Lammii Kuraatti jalqabsiisuuf sochiin taasifamaa jiraachuu Dooktar Ergoogeen ibsaniiru.
Saganticharratti dhaabbilee fayyadamummaa maanguddootaa mirkaneessuuf shoora olaanaa ba’ataniif beekamtiin kennamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.