Maanguddoo umurii 40 baankii saamuun kennaa Ayyaana qilleetii jechuun Birrii daandiirra bittimse

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Maanguddoon kun Birrii baankiidhaa saamuun boorsaatti ergaa naqataanii boodaa daandii gubbattii bittimsuun Baga Ayyanaa Qillee (Merry Chirstmas) jechuun iyyaa turan jedhame.

Namni kun Birrii saame erga bittimse booda naannoo mana daldala bunaa Istaarbaaks iddoo jedhamu fuullee isaa taa’uun hanga Poolisiin dhufee isaan to’atutti eegaa turan.

Miira ayyaaneffannaatiin namootni daandii kanarraa socho’aa turan, maallaqa maanguddoon kun bittimsan walitti qabanii baankii saamametti deebisanii galchuun isaanii ammoo ajaa’iba biraa ta’eera.

Poolisiin Koloraadoo Ispiriing maanguddoon waggaa 65 kun Deevid Waayin akka jedhaman mirkaneesseera.

Maddi:- BBC

Comments (0)
Add Comment