Maanchister Yuunaayitid Istaadiyeemii haaraa ijaarsisuufi

Maanchister Yuunaayitid Istaadiyeemii haaraa ijaarsisuufi

Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC)-  Maanchister Yuunaayitid Istaadiyeemii haaraa daawwattoota kuma 100 ol keessummeessuu danda’u ijaarsisuuf akka ta’e ifoomseera.

Istaadiyeemichi baasii Paawundii biiliyoona 2 kan ijaaramu yoo ta’u waggaa shan keessatti ni xumuramaan akka eegamu ‘BBC Sport’ gabaaseera.

Istaadiyeemiin kun dhiyeenya Istaadiyeemii Ooltiraafoorditti kan ijaaramu ta’uufi hanga ijaarsi isaa xumuramutti taphoota Istaadiyeemii Ooltiraafoorditti kan gaggeessu ta’uu eerameera.

Pirojektiin ijaarsa isteediyeemii kanaa osoo hin ifoomiin dura istaadiyeemii duraanii Ooltiraafoord haaromsuu moo istaadiyeemii haaraa ijaarsisuu wayya kan jedhurratti mari’atamaa turuu gabaasichaan ibsameera.

#Oromia #Ethiophia

Comments (0)
Add Comment