Maamiltoonni tajaajila moobaayilaa miiliyoona 85 qaqqabe

Finfinnee, Bitootessa 17, 2016(FBC)- Itiyoophiyaatti lakkoofsi maamiltoota tajaajilaa teelekomii mootummaa fi dhuunfaa miiliyoona 85 qaqqabuu Hoji Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo Teelekom Firehiiwoot Taammiruun eeran.

Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti hojiilee Dijitaal Itiyoophiyaa milkeessuuf gaggeeffamaa jiraanii fi kallattii fuulduraarratti mariin gaggeeffameera.

Maricharratti Firehiwot Taammiruun akka eeranitti, baay’inni maamiltoota fayyadamtoota tajaajila moobaayilaa miiliyoona 85 qaqqabaniiru.

Akkasumaas lakkoofsi maamiltootaa tajaajilaa interneetii fayyadamanii miiliyoona 41 ta’uu dubbatan.

Giddugalli Daataa Meeggaa waatti (IT load) 6.3 qabachuu danda’u tumsa mootumma fi dhuunfaan ijaaramuu eeranii kunis Dijitaal Itiyoophiyaa galmaan ga’uuf gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Fooyyessa imammataa taasisuun sonni bu’uuraalee misoomaa kaffaltii dijitaalawaaf ijaarame akka dabaluu taasisuun akka danda’ame himuu TOI gabaaseera.

Daayrektarri Inistiitiiyuutii Artifiishaal Intalajansii Injiinar Warquu Gaachanaa gama isaaniin, dijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkeessuuf dameewwan fayyaa, ICT, kenniinsa tajaajilaa, gibira, haqaan hojiileen garaagaraa gaggeeffamaa jiraachuu kaasan.

Galma Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 qabame milkeessuun maddiitti nageenya saayibariif xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu Daayrektara Olaantuu Bulchiinsa Nageenyaa Odeeffannoo Tigisti Haamiid himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment