Maamiltoonni haaraan kumni 198 ol fayyadamtoota Tajaajila Elektirikaa ta’an

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC) – Baatiwwan Jahaan darban Maamiltoonni haaraan kumni 198 ol fayyadamtoota Tajaajila Elektirikaa ta’uu Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksiise.

Baatiwwan jahaan darban Maamiltoota haaraa kuma 265 fi 990 fayyadamtoota Tajaajila Elektirikaa taasiisuuf karoorfamee Maamiltoota Kuma 198 fi 270 fayyadamoo taasiisuun danda’amuu ibseera.

Maamiltoota haaraa horachuuf hojii hojjetamaa jiruun hanga ammaatti Maamiltoonni waliigalaa dhaabbatichaa miiliyoona 4 fi kuma 559 fi 345 ga’uu ragaan Tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment