Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Magaalaa Qobbootti maallaqni garee shororkeeessaa ABUT’f geeffamuuf ture Birrii miiliyoonni 3 to’annoo jala ooluu eerameera.
Shakkaamtoonni, tooftaan ittiin maallaqicha dhoksaadhaan dabarsuuf yaalan kan hin eegamne ta’us, hordoffii qaamolee nageenyaa fi hawaasa Magaalaa Qobbootiin to’annoo jala ooluu Waajjirri Poolisii Magaalaa Qobboo beeksiseera.
Maallaqichi akka to’atamuuf gahee hawaasni bahateef poolisiin galateeffachuu ragaan Waajjiraa Kominikeeshinii Magaalaa Qobborraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.