Maallaqni Doolaarri biliyoonni 6 ol biyyoota Alaarraa gara biyyaa ergamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2016 (FBC) – Bara baajataa 2016 keessa Maallaqni Doolaarri biliyoonni 6 ol biyyoota Alaarraa gara biyyaa ergamuu Tajaajilli Diyaaspooraa Itiyoophiyaa beeksise.

Waggoota shanan darbanii as maallaqni alaa gara biyya keessaa ergamu dabalaa jiraachuu Itti Aanaan Daayrektara Olaanaa tajaajilichaa Balaayineehi Aqnaaw ibsaniiru.

Bara baajataa 2016 keessa qofa Doolaarri biiliyoonni 6 ol gara biyyaatti argamuu himaniiru.

Miseensonni Diyaaspooraa 273 hojii Invastimantii adda addaarratti akka hirmaatan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Miseensonni 50 ta’an gara hojiitti galuun lammiilee kuma 3 oliif carraa hojii uumuu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment