Maallaqni biyyoota garagaraa kara seeraan ala osoo dabarfamaa jiru to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Maallaqni biyyoota garagaraa kara seeraan ala osoo dabarfama jiru to’atameera.

Doolaarri Ameerikaa kuma 17 fi 965, Paawundiin kuma 2 fi 520 fi Riyaaliin Yaman kuma 64 fi 102 karaa seraan ala biyyaa ba’uuf wayita jedhutti buufata sakattoo Dawaleetti to’atameera.

Mallaqni seeraan ala kun baankii Biyyaalessatti galii kan ta’e yoo ta’u, shakkamtoonni yakkicha dalagan 4 to’annoo jala ooluun pooliisi Fedeeralaan qoratamaa jiru

Comments (0)
Add Comment