Maallaqni biyyoota adda addaa Birrii Miiliyoona 19.6’tti tilmaamau to’atame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2014 (FBC) – Maallaqni biyyoota adda addaa Dollaara Ameerikaa, Yuuroo fi Paawondiin yoo Birriitti sharafamu Birrii miiliyoona 19.6 olitti tilmaamamu seeraan ala daddabarfamaa ture Magaalaa Adaamaatti to’atameera.

Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaaf Nageenyaa Magaalaa Adaamaa Obbo Makuraa Dinquu akka eeranitti, konkolaataan Iyisuuzuu Finfinnee irraa gara Magaalaa Hararii imalaa ture, maallaqicha fi shakkamtoota waliin to’annoo jala ooleera.

Maallaqoonni seeraan alaa kunneenis Doolara Ameerikaa kuma 328 fi 181, Yuuroon kuma 46 fi 815 fi Paawundii kuma 5 fi 465, walumagalatti Birrii Itiyoophiyaa miiliyoona 19 fi kuma 623tti tilmaamamu to’atameera jedhan.

Dabalataan Warqeen kiiloo giraama 3.4 ta’u to’atamuu Obbo Makuraan himaniiru.

Hawaasni gochootaa seeran alaa eeruu kennuun deeggarsa taasisuu akka qabu dhaamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment