Maallaqni baankii vaayrasii koroonaa dabarsuu akka danda’u eerame

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Maallaqni baankii vaayrasii koroonaa dabarsuu akka danda’u eerame.

Maallaqni moofaan vaayrasii koroonaa dabarsuu akka danda’an Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsa laateen akeekkachiise.

Tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf jecha itti fayyadama maallaqoota moofa’anirratti of eeggannoon taasifamuu akka qabu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kan hubachiise yoo ta’u, fayyadamtoonni Birrii erga tuqanii booddee harka isaanii dhiqachuu akka qaban hubachiiseera.

Baankiin Ingiliiz gama isaan maallaqoonni moofa’an baakteeriyaa fi vaayrasota qabachuu danda’u , maamiltoonni erga fayyadamanii booddee harka isaanii akka dhiqatan gorseera.

Haaluma walfakkaatuun Chaayinaa fi Kooriyaan Kibbaa baatii dabrasinee eegalanii tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf maallaqoota baankii moofa’an fayyadamuurra bittaa teeknooloojiiin raawwachuu eegalaniiru.

 

Maddi:- Za Telegraam

Comments (0)
Add Comment