Maallaqaa gara Ityoophiyaatti ergamu guddisuuf sirnoonni faayinaansii si’ataan ni barbaachisu  jedhame

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Diyaaspooraan maallaqaa gara biyyatti ergan guddisuuf mootummaan sirnoonni faayinaansii si’ataan ta’aan diriirsuu qaba jechuun Afrikaa Kibbaatti Hayyuun Diinagdee Yuunvarsiitii Teeknooloojii Suwaanee Proofeeser Mulaatuu Fiqaaduun himaniiru.

Diyaaspooraan maallaqa gara biyyaatti yeroo erguus sirnoota seeraa qabeessaa ta’aan hordofuu qaba jedhaniiru.

Maallaqni biyya ala diinagdee biyyatti guddisuuf gahee olaanaa akka qabuu hubatee diiyaaspooraan shooraasaa akka ba’aatu himaniiru.

Mootummaanis Maallaqaa biyya alaarra ergamuu  guddisuuf sirnoota faayinaansii si’ataan ta’aan diriirsuu qaba jedhaniiru.

Diyaaspooraan waggoottan sadeen darbanitti wagga waggaan Birrii biiliyoona 3 gara biyyaa erguu ragaan Ejensii Diyaaspora Ityoophiyaarra argame ni  muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment