Maallaqaa fi sanadota sobaa namni maxxansaa ture to’atame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Namni dhuunfaa maallaqaa fi sanadoota sobaa maxxansuun raabsaa ture to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Kanaan dura FInfinnee Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftootti namoonni 3 noottii abbaa 200 Birrii 396 waliin to’achuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.

Madda maallaqoota kanneenii Beekuuf Poolisiin Magaalaa Finfinnee, Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa waliin ta’uun hordoffii taasiseen, maallaqa sobaa fi sanadoota biroo maxxansuudhaan namni dhuunfaa raabsaa ture Taammiraat Haaylee jedhamu mana keessatti maxxansutti to’atameera.

Mana nama dhuunfaa kanaatti Doolaaraa Ameerikaa, noottiiwwan Birri abbaa 200 manca’an, waraqaa raga dhalootaa, ragaalee dhaabbilee barnoota olaanoo, fi sanadoonni garaagaraa biroon argamaniiru.

Dabalataan, meeshaalee chaappaa Tajaajilaa Bulchiinsaa Taateewwan Murteessoo Aanichaa fi dhaabbilee mootummaa bocuu fi sanadoota seeraan alaa biroo maxxansuuf gargaaran qabamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment