Maalaawiitti Obomboleessi Rooba makate lubbuu lammiilee 100 galaafachuu dhaga’ame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Maalaawiitti Obomboleessi cimaan Rooba makate lubbuu lammiilee 100 galaafachuu gabaafameera.

Obomboleessi ‘Maalaawii Fireedii’ jedhamu magaalaa sochii daldalaa Olaanaa qabdu Bilaantaayeritti qofa namoota 85 galaafachuu BBCn gabaaseera.

Manneen jireenyaa fi Gamoowwan dabalatee bu’uuraaleen misoomaa hedduun lolaan barbadaa’uu eerameera.

Magaaloonni biyyattii hedduun dhiyeessii tajaajila humnaa dhabuu isanaiinii himameera.

Pireezidaantiin biyyattii Laazaaras Chaakweeraam balicha sababeeffachuun labsii yeroo mudamaa labsaniiru jedhame.

Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii dabaluu akka danda’u dubbatamaa jira.

Obomboleessi kun ammas Rooba cimaa fi Lolaa dabalataa qaqqabsiisuu akka danda’u ogeeyyiin raaga haala qilleensaa akeekkachiisaniiru jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment