Maalaawiin hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu ibsite

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)- Maalaawiin hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu ibsiteetti.

Keeniyaatti ambaasaaddarri Maalaawii Agriinaa Muusaa Keeniyaatti ambaasaaddara Ityoophiyaa Mallasa Alam waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddarittin Maalaawiin Ityoophiyaa waliin tumsa damee qonnaa, tuurizimii, daldalaa fi aviiyeeshiinitin qabdu cimsuuf fedhii qabachuu ishee ibsaniiru.

Dabalataanis biyyi isaanii tajaajila leenjii hariiroo biyyoota alaarratti Ityoophiyaa irraa muuxaannoo fudhachuuf fedhii akka qabaniis ambasaaddarittin himaniiru.

Daandiin qilleensa Ityoophiyaa daandii qilleensa Maalaawii keessaa ga’ee olaanaa akka qabu ibsuun, daandiin qilleensicha biyyi isaanii biyyoota biroo waliin walqunnamuuf shooraa ba’ateef galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment