‘Maaddii Guutuun’ sirna nyaataa fi diinagdeerratti bu’aa argamsiisaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)- Sagantaan ‘Maaddii Guutuu’ sirna nyaataa fi diinagdeerratti bu’aa argamsiisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeera Qonnaatti Hoji Gaggeessituun Damee Misooma Qabeenya Beeyladaa fi Qurxummii Tsiggeeradaa Fiqaaduu FBC’tti akka himanitti sagantichaaf xiyyeeffannaan kan kenname ta’uun, galteenis, bu’aanis jijjiirama fideera.

Bu’a qabeessummaa isaaf sadarkaa biyyaatti gumaachi mandarootaa oomishaa kuma 20 hundeeffamanii olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Dhuunfaan oomishuu fi soorachuun of danda’aa jirachuu fi waldaaleef carraa hojii umamuu himaniiru.

Misooma beeyladaa fi qurxummii dagaagsuu keessatti sosochichi carraa uumuu dubbataniiru.

Hojichi nama dhuunfaarraa eegalee waldaaleen hojjetamaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee lafa bal’aa qaban sosochichatti akka makaman taasifamuu ibsaniiru.

Hubannoon damicharratti mul’atu guddachaa dhufuu, qaala’iinsa jireenyaa fi gabaa tasgabbessuu, daa’imman quucarummaarraa baraaruun kan danda’amu oomishtummaa dagaagsuun qofa ta’uu hubachiisaniiru.

Maartaa Geetaachootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment