Luwiis Naanii fi Niwaankiwoo Kaanuun guddina kubbaa miilaa Itiyoophiyaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf qophii ta’uu ibsan

Finfinnee, Adoolessa 6, 2016 (FBC) –Taphataan Kubbaa Miilaa duraanii Poorchugaal Luwiis Naanii fi kan Naayijeeriyaa Niwaankiwoo Kaanuun guddina kubbaa miilaa Itiyoophiyaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf qophii ta’uu ibsan.

Taphattoonni guddatoota Itiyoophiyaa akka milkaa’aniif tumsa barbaachisu taasiisuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Har’a ganama Finfinnee kan dhufe, Luwiis Naaniin Aadaa Ummata Itiyoophiyaa beeksisuuf fedhii qabaachuu himeera.

Tattaaffii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa guddisuuf taasifamu keessatti qooda isaa bahuuf fedhii qabaachuu taphataa Urjiin duraanii Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Naayijeeriyaa Niwaankiwoo Kaanuun himeera.

Kubbaan Miilaa Itiyoophiyaa akka milkaa’u gahee irraa eegamu bahuuf qophii ta’uu taphattoonni kunneen himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment