Lukkuuwwan sanyii fooyya’oo miiliyoona 35 dhiyeessuuf hojjetamaa jira – BQO

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara 2016 tti lukkuuwwaan Sanyii fooyya’oo miiliyoona 35 dhiyessuuf hojjetama jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Cuuciiwwan miiliyoona 20 fi lukkuuwwan sookkee sanyii fooyya’oo hormaataaf tolan miiliyoona 15 dhiyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Itti aanaan Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa fi Itti Gafaatamaan Damee Misooma beeyladoota Obbo Toleeraa Dabalaa ibsaniiru.

Bara 2015tti lukkuuwwaan sanyii fooyya’oo miiliyoona 11 dhiyyeessuuf karoorfamee miiliyoonni 13 dhiyaachuu eeraniiru.

Rakkoo dhibee waliin wal qabatee jiru furuu cuuciiwwan utuu fayyadamtoota bira hin ga’iin si’a sadii kan talaalchifaman ta’uu Obbo Toleeraan ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment