Lubbuun daa’ima wagga afurii waraabessaan ciniinamtee darbe

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Godina Silxee Aanaa Saankuuraatti daa’imni waggaa afurii waraabessaan ciniinamtee lubbuun darbuu Poolisiin Kibbaa beeksise.

Godinicha Aanaa Saakuuraatti daa’imni waggaa afurii daa’imman biroo waliin utuu taphachaa jirtuuti kan waraabessan ciniinamuun lubbuun darbe.

Waraabessichi daa’imattii ergaa butee fiigee booda hawaasaani daa’imatti harkaa buusuus miidhaa irraa ga’een lubbuun ishee darbuu ragaan koomishinii poolisii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Naannicha naannawaa tokoo tokkotti waraabessaan miidhaan namarraa ga’aa jiraachuu eeruun miidhaan biraan walfakkaataan akka hingeenyeef maatiin daa’imman isaaniif eegumsa barbaachisaa taasisuu akka qaban koomishinichi hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment