Luba Balaay Makonniin dabalatee namoonni dhuunfaan 5 yakka waliindhahuu cimaan himanni irratti baname

Finfinnee, Caamsaa 9, 2016 (FBC) – Luba Balaay Makonniin dabalatee namoonni dhuunfaan 5 yakka malaammaltummaa waliindhahuu cimaan Dhaddacha Idileetiin himanni irratti banameera.
Namoonni kunneen Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha dhimmoota yakka malaammatummaa ramaddii 3ffaa Lidataatti himatamuu eerameera.
Namoonni dhuunfaan kunneen1ffaa Luba Balaay Makonniin, 2ffaan Hojii Invastimantii Qonnaarratti bobba’ee kan argamu Iyyaasuu Indaale Waldamasqal, 3ffaan, Hojii Komishiniirratti kan hojjetu Barakat Mulaat Jaafaar, 4ffaa Alemganaa Saamu’eel Diinsaa fi 5ffaan Hojii gaggeessaa Dhaabbata Daldalaa Dhuunfaa Nimoonaa Itti gaafatamummaan isaa Murtaa’e Abarraa Margaa Tasfaayee ta’uu ibsameera.
Himatamtoota 4ffaa fi 5ffaan to’annaa jala kan hin oolle yoo ta’uu, kan hafan Dhaddachaaf dhiyaataniiru.
Himatamaan 2ffaan Meeshaalee ijaarsaa Gamtaa Afrikaaf kan dhiyeessu fakkeessuun baatii Ebla bara 2016 Doolaarri miiliyoonni 1 Lakkoofsa Herreega Baankii Gamtaa Afrikaarraa gara Lakkoofsa Herreega Baankii Dhuunfaa isaatti akka jijjiiramu sanada sobaa kaffaltii maqaa isaan qopheessuu isaan himatameera.
Himatamaan 3ffaan Barakat Mulaat Jaafaar Gamtaa Afrikaaf Boolla Bishaanii gadi fagoo qotuuf kan waliigale ta’uu isaan Lakkoofsa Herreega Baankii gamtichaarraa Doolaarri miiliyoonni 2fi kumni 525 ol gara lakkoofsa Herreega Baankii Dhuunfaa isaatti galii akka ta’u sanada sobaa maqaa isaaniin qopheessuu isaan himatameera.
Himatamaan 4ffaan Alemganaa Saamu’eel Diinsaan Gamtaa Afrikaaf Boolla Bishaanii gadi fagoo qotuun hojjechuu isaaniin Doolaarri miiliyoonni 1 fi kumni 315 lakkoofsa Herreega gamtichaarraa gara lakkoofsa Herreega Dhuunfaa isaatti galii akka ta’u ajajuu kan mul’isa sanada kaffaltii sobaa maqaa isaan qopheessuu isaan,
Himatamaa 5ffaan Meeshaalee ijaarsaa garaagaraa dhaabbata hogganuun Gamtaa Afrikaaf akka dhiyeessee fi gamtaan Afrikaa kaffaltii Doolaara miiliyoona1 fi 210 gara lakkoofsa Herreega Dhaabbatichaatti akka jijjiiruuf sanada sobaa maqaa isaan qopheesseuun himatameera.
Maallaqa kanneen baasii taasiisuuf Sanadoota kanneen yeroo fi iddoo hin beekamnetti himatamaa 1ffaaf kennuu isaaniin himatamaniiru.
Himatamtoonni tarree 1ffaa hanga 3ffaa jalatti argaman dhaddachaaf dhiyaachuun eenyummaa fi teessoon isaanii erga galmaa’ee booda ibsi himannaa isaan qaqqabuu eerameera.
Himatamtoonni 4ffaa fi 5ffaan Poolisii dhimmi ilaallatuun barbaadamanii akka dhiyaatan yeroo itti aanu beelamni kan kennamu ta’uu ibsameera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment