Loos Anjeles balaa ibiddaa dabalataaf saaxilamuun hin oolu jedhame

Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) – Loos Anjeles har’a galgalaa eegalee bubbee cimaa mudachuu malu hordofee magaalattiin balaa Ibiddaa dabalataaf saaxilamuu akka dandeessu ibsameera.
Akka raagni haala qilleensaa mul’isutti Kaaba Lixa Loos Anjelesitti har’a galgalaa eegalee bubbee cimaan kan jiraatu yoo ta’u, kunis balaa Ibidaa hamaa ta’e biroo qaqqabsiisuu danda’a jedhame.
Balaan Ibiddaan guyyoottan darban keessa Kaabaa fi Lixa Loos Anjeles mudate lafa hektaara kuma 37 ol gubuu gabaafameera.
Balichaan hanga ammaatti lubbuun namoota 25 darbuu fi qabeenyi Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 75 olitti tilmaamamu barbadaa’uu ibsameera.
Jiraattoonni kumni 100 fi kumni 50 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu BBCn gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment