Loon sanyii fooyya’oo miiliyoona 1.2 mala namaan rimaa qabsiisuun raawwateera-BQO

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Bara kana loon sanyii fooyyaa’aa miliyoona 1.5 mala namaan rimaa qabsiisuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti loon miiliyoona 1.2 raawwatamu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Leenjii marsaa jalqabaa teekinikaa mala namaan loon rimaa qabsiisuu ogeeyyiif kennamaa ture xumurameera.

Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Toleeraa Dabalaa waltajjicharratti akka jedhanitti, Inisheetiivii misooma sanyii fooyya’aa beeyladaarratti qabanne milkeessuuf leenjii teekinikaa mala namaan loon rimaa qabsiisuu itti fufiinsa qabu ogeessotaaf kennuuf hojjetamaa jira.

Dabalataanis oomisha aannanii guddisuu, nyaata fooyya’aa beeyladaa fi fayyaa beeyladaaf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeran.

Bara kana loon sanyii fooyyaa’aa miliyoona 1.5 mala namaan rimaa qabsiisuuf karoorfameen hanga ammaatti miiliyoona 1.2 raawwatamuu ibsan.

Daarikteerri Olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa Itiyoophiyaa Dooktar Asiraat Xeeraa gama isaaniin, hojiin mala namaan loon rimaa qabsiisuu bu’aan olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Ogeessonni leenji’anis hanqina oomisha aannanii furuuf ogummaa teekinikaa argataniin misooma aannanii guddisuuf qulqullinaaf itti gaafatamummaa olaanaan hojjechuu akka qaban dhaamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment