Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)-Somaaliyaatti Loltoota Itiyoophiyaa Ergama Ce’umsa Nagaa Kabachiisuu Gamtaa Afrikaa bobba’aniif meedaaliyaan kabajaa kenname.
Loltoota kanneeniif meedaaliyaan kun kan kenname Somaaliyaatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojiilee ajaa’ibsiisaa hojjetaniin ta’uun ibsameera.
Ajajan Ergama Nagaa Kabajachiisaa Itiyoophiyaa Birgaader Jeneraal Kinduu Gazzuu, kutannoo loltoonni argisiisaniin, naamusa ogummaa fi raawwii ergamaa bahate dinqisiifataniiru.
Hojiilee nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaaf hojjete akkasumas wareegama kaffaleef meedaaliyaan kabajaa kennamuufii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan bara 1950 irraa eegalee naannawichaafis ta’e nageenya Idil Addunyaaf kutannoo olaanaan gahee ishee bahachaa turuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.
Ergamicha nagaa kabachiisuu keessatti gaheen Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu eeranii, kunis kutannoo biyyattiin nageenyaa fi tasgabbii naannawaa, Idil Addunyaa fi sadarkaa adduunyaaf qabdu kan argisiisuu ta’uu himaniiru.
Ergamichatti Ajajaan Waraana Itiyoophiyaa Jeneraal Basifaat Faanteen gama isaaniin, raayyichi qormaatilee hedduu darbuu ergama isaa ga’umsaan raawwachuu ibsuun, bulchiinsa Kibba Lixaa Somaaliyaa fi hawaasni deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia