Loltoota duraanii jireenya idileetti deebisuuf ni hojjetama jedhame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Loltoota duraanii  jireenya idileetti deebisuun nageenyaa fi guddina biyyaa keessatti gahee irraa eegamu akka bahan kan hojjetamu ta’uu Koreen teeknikaa Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa beeksise.

Waltajjiin hidhannoo hiiksisuu, loltoota duraanii jiddugaleessa tokkotti walitti qabuu fi hawaasatti makuu magaalaa Maqaleetti gaggeeffameera.

Loltoota duraanii hidhannoo hiiksisuurraa hanga deebisanii dhaabuun waggoota lamaan dhufaniif hojiirra kan oolu ta’uu Miseensi koree teekiikaa deebisanii gurmeessuu komiishinii Haaromsa Biyyaalessaa Obbo Gammadaa Alamii himaniiru.

Adeemsi deebisanii dhaabuu kunis akkaataa hawaasa bu’uura godhateen carraa hojii uumuurraa kaasee deeggarsa garaagaraa kan dabalatu ta’uu dubbataniiru.

Humnoonni hidhatan hidhannoo hiikatanii hawaasatti makamuunsaanii nageenyaa fi guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Loltoota duraanii gara jireenya nagaatti deebisuuf hojii hojjetamu keessatti Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa  deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu Mana marichatti  miseensi koree Dhaabbii Dhimmoota hariiroo alaa fi Nageenyaa Dooktar Yeshiimabraat Marshaan mirkaneessaniiru.

Maddi:- TOI

Comments (0)
Add Comment