Loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu keessatti miidiyaaleen gahee ijaarsaa bahachuu qabu-Amb. Tashoomaa Togaa

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Adeemsa loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu fi deebisanii dhaabuun ijaarsa nageenyaa biyyaalessaaf gumaacha akka taasisaniif tattaaffii taasifamu keessatti, miidiyaaleen hubannoo umuun gahee ijaarsaa akka bahatan Komishinarri Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan waamicha dhiyeessan.

Loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu, gurmeessuu fi adeemsa deebisanii dhaabuu ilaalchisee gahee miidiyaalee irratti mariin gaggeeffameera.

Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan maricharratti bu’uura waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaatiin dhukaasa dhaabuuf loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuun dhimma dursi kennameef akka ture yaadachiisaniiru.

Loltoonni duraaniis waliigaltee nageenyaa gaggeeffamee hordofee hidhannoo isaanii hiikkatanii gara jireenya idileetti deebi’uun nageenyaa fi ijaarsa diimookiraasii biyyaaf gumaacha akka qabaatan taasisuuf tattaaffiin taasisfamaa jiraachuu ibsaniiru.

Loltoota duraani deebisanii dhaabuf waliigaltee waraanaa Ityoo-Eertiraa boodaa hojii deebisanii dhaabuu turee fi muuxannoon biyyoota biroorraa akka fudhatame ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Naannolee torbatti kan argaman loltoota duraanii kuma 371 hidhannoo hiikkachiisuun adeemsa deebisanii dhaabu keessatti miidiyaaleen hubannoo uumuun gahee ijaarsaa bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment