Loltoota ABUT madaa’uun Hospitaala ofii barbadeessanitti yaallaman

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Hidhattoonni Garee ABUT waraana Arbiititti gaggeeffameen miidhaman Hospitaala Nifaas Mawucaa dura ofiin barbadeessanitti yaallamaniiru.
Humni waloo nageenyaa wayita dahoo garee shororkeessaa adda Gaashanaa cabsu hidhattoonni garichaa hedduun barbadaa’uu fi gariin madaa’aniiru.
Loltoota garee shororkeessaa ABUT lola Arbiitirratti madaa’uun daandirratti kufanii hafan qonnaan bultoonni naannichaa kaasuun Raayyaa Ittisaaf dabarsanii laataniiru.
Raayyaan Ittisaa miidhamtoota kanneen kunuunsuun Hospitaala Nifaas Mawucaatti tajaajila yaalaa barbaachisuu taasiisaafii tureera.
Garichi kana dura Hospitaala Nifaas Mawucaa barbadeessus miidhamtoonni kunneen hospitaala ofiin barbadeessanitti yaallamaniiru.
Hidhattoonni garee shororkeessaa Hospitaalichatti yaallamuun dandamatan turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiisaniin tajaajila yaalaa ogeeyyiin Hospitaala Nifaas Mawucaa taasiisaniif galateeffataniiru.
Dargaggoonni naannoo Tigraay gareen shororkeessaa ABUT waraanarratti hirmaachise hedduun haala nama gaddisiisuun barbadaa’uu eeraniiru.
Miidhaan namoomaa dargaggoota kaneenirra ga’e daraan isaan gaddisiisuu eeraniiru.
Miniyichil Azzazatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment