Loltoonni Raashiyaa Gabbisa Niiwukleerii guddicha Awurooppaa Keeyivitti argamu to’atan

Finfinnee,Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Loltoonni Raashiyaa halkan guutuu waraana erga gaggeessanii booda Gabbisa Niiwukleerii guddicha Awurooppaa Keeyivitti argamu to’achuu aanga’oonni Yuukreen beeksiisan.
Kibba Lixa Yuukreen Ziippooroozhiiyaatti Lola halkan guutuu taasiifameen booda lotoonni Raashiyaa Awurooppatti Gabbisa Niiwukleerii guddaa Keeyivitti argamu to’achuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa Ziippooroozhiiyaan harka waraanaa Raashiyaa jiraachuu itti gaafatamaan to’annoo Niiwukleerii Raashiyaa ibsa laataniin himuu TRT gabaaseera.
Oduma walfakkaatuun Tajaajjilli To’annoo Odeeffannoo Raashiyaa dhaabbilee Miidiyaa BBC Raashiyaa, Raadiyoo Liibartii fi Meeduuzaa jedhamna hojiirraa ugguruu himameera.
Dhaabbilee miidiyaa kunneen Siyaasaa fi Nageenya Raashiyaa miidhaa jiraachuu isaanii dhorkamuu eerameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment